Fana: At a Speed of Life!

Ayyaanni Ashandaa Hagayya 26 Finfinneetti ni kabajjama

0 146
Finfinnee, Hagayya 22,2011 (FBC) – Ayyaanni Ashandaa Hagayya 26,2011 magaalaa Finfinneetti ni kabajjama.
 
Ayyaanichi magaalaa Finfinnee Galma Barkumeetti kabajamee oola.
 
Ayyaanichi qophii addaddaatin kan kabajamu ta’uu Bulchiinsa Magaalaa Finfinneetti Waajjirri Kantiibaa beeksiseera.
 
Ayyaanicharrattis itti aanaa kantiibaa magaalaa Finfinnee Injiinar Taakkalaa Uumaa dabalatee hoggansi federaalaa, Finfinnee fi naannolee ni argamuun eegama.
 
Dabalataan jiraattonni magaalichaa fi dhalattoonni naannoo Tigraayii fi shamarran Ashandaa galmichatti argamuun ayyaanicha ni miidhagsu.
 
Ayyaanni Ashandaa mata duree “Ashandaan mallattoo nageenyaa, tokkummaa fi misoomaa” jedhuun Hagayya 16,2011 eegalee naannoo Tigraayitti kabajamaa jira.
 
Ayyaanni Ashandaa, Maariyaa, Ayniwaarii Hagayya keessa kabajamuun aadaa fi hambaalee naannichaa beeksisuun beekamoodha.
 
Ashandaa fi Maariyaan Hagayya 16,2011 eegalee kabajamaa kan jiru yammuu ta’u, Ayniwaariin ammoo Hagayya 24,2011 magaalaa Aksuumii fi naannawa isheetti kabajama.
 
Ayyaanichi aadaa fi hambaa nananichaa beeksisuun ala diinagdee keessatti ga’ee akka qabaatu hojjetamaa jira.
Comments
Loading...