Fana: At a Speed of Life!

MM Dr Abiy hawaasaa Ityoophiyaa Kooriyaa Kibbaatti argamaan waliin mari’taan

0 410

Finfinnee, Hagayya 19, 2011 (FBC) – Muummeen Ministira Ityoophiyaa Dooktar Abiy Ahimad hawaasaa Ityoophiyaa Kooriyaa Kibbaatti argamaan waliin mari’taan.

Muummeen Ministira Ityoophiyaa Dooktar Abiy sagantaa irbaataa Imbaasii Ityoophiyaattiin qophaa’e irratti miseensa hawaasa waliin marii taasisaniiru.

Dooktar Abiy miseensi hawaasaa bakkuma jiranitti falaasama ida’amuutiin biyya isaanii deeggaruu akka qabaan hubachiisaniiru.

Muummeen ministira Dooktar Abiy daawwii guyyaa lamaaf Kooriyaa Kibbaa imaluun isaanii ni yaadatama.

Muummeen ministira daawwanaa isaani Kooriyaa Kibbaa guyyaa lamaan Preezidanti biyyatti Muunje waliin dhimmoota garaagaraa irratti ni mar’atu jedhameera.

Comments
Loading...