Fana: At a Speed of Life!

Hospitaalli Sandaafaa Bakkee eebbifame

0 134

Finfinnee Hagayya 19,2011 (FBC) –Hospitaalli Sandaafaa Bakkee eebbifame.

Godina Addaa Oromiyaa Naannawaa Finfinnee magaalaa Sandaafaa Bakkeetti baasii Birrii miiliyoona 34 ijaarrame guyyaa har’a eebbifameera.

Sirna eebbaa kana irratti Itti aanaa Preezidaanti Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa dabalatee aanga’oonni mootummaa naannichaa irratti aragamaniiru.

Hospitaalichi ummata 450,590f tajaajila kan kennu yoo ta’u tajaajila balaa tasaa, dhiheessii qorichaa, laabiraatoorii, Raajii, dahumsa ciibsani yaaluu akka kennus Biiroo Dhimmoota Komunikeeshinii Oromiyaa gabaaseera.

Comments
Loading...