Fana: At a Speed of Life!

Sirni haaromsa Gadaa Arfan Walisoo gaggeeffamaa jira

0 307

Finfinnee, Hagayya 18,2011(FBC)- Sirni haaromsa Gadaa Arfan Walisoo gaggeeffamaa jira.

Waltajjiin haaromsaas magaalaa Walisootti adeemsifamaa jira.

Sirni Gadaa kun ji’oottan lamaan darbaniif sirnoota adda addaan akkaataa duudhaa ganamaa agarsiisun raawwatamaa turuu Biiroon Dhimmoota Koominikeeshinii Motummaa Naannoo Oromiyaa beeksiseera.

Qaamuma sagantichaa kan ta’e marii paanaalii fi agarsiisa aadaa taasisuuf kan karoorfame ta’uu itti gaafatamtuun Waajjira Aadaa fi Tuuriizimii Magaalaa Walisoo aadde Hawwii Dheeressaan himaniiru.

Saganticharratti maanguddoonni, abbootiin Gadaa, foolleen, hawaasni magaalichaa fi naannooshee irratti argamaniiru.

Comments
Loading...