Fana: At a Speed of Life!

Obbo Gadduun miseensota kaawunsilii pabliik diippiloomaasii waliin mari’atan

0 270

Finfinnee, Hagayya 18,2011(FBC)- Ministirri Ministeera Dhimma Alaa FDRI obbo Gadduu Aandaargaachaw miseensota kaawunsilii pabliik diippiloomaasii waliin kaleessa mari’ataniiru.

Kaawunsiliin pabliik diippiloomaasii maqaa biyyaa ijaaruuf ga’ee olaanaa akka qabu eeraniiru.

Ityoophiyaan garuu itti fayyadamaa akka hin turin ibsaniiru.

Yaata’uutii amma akka gaariitti itti fayyadamuuf miseensota haaraa itti ida’uudhan, qajeelfama qopheessuun dhaabbilee tumsaa babal’isuun waan hojjetameef, hojii diippiloomaasii haaraaf qophaa’amuu ibsaniiru.

Kaawunsiliin pabliik diippiloomaasichaa namoota 75 hammates, waan fooyya’uu fi cimuu qaburratti yaada laataniiru.

Comments
Loading...