Fana: At a Speed of Life!

Tapha guutuu Afrikaa 12ffaa Moorookootti gaggeeffamuun Ityoophiyaanonni meedaaliyaa argamsiisaan

0 310

Finfinnee, Hagayya 17,2011(FBC) – Tapha guutuu Afrikaa 12ffaa Moorookoo Raabaatitti gaggeeffamuun Ityoophiyaanonni meedaaliyaa argamsiisaa jiru.

Ityoophiyaan taphoota jiran 26 keessaa 13 irratti hirmaachaa jirti.

Woorlid teekwaandoo dhiiraa kaleessa Hagayya 16,2011 gaggeeffameen kiilo giraama 63 Taarikuu Girmaan meedaaliyaa warqee jalqabaa argamsiisera.

Kiilo giraama 54 ammoo Salamoon Tufaatin meedaaliyaan maaldaa argameera.

Dorgommii buunyoo kiilo giraama 63 Atleet Saamu’eel Mulgeetaan gitasaa Keep Vard, kiilo giraama 69 ammoo Atleet Masfin Birruun gitasaa Naamiibiyaa injifachuudhan marsaa itti aanutti darbaniiru.

Dorgommiiwwan ispoortii 26n biyyootni 54 tapha guutuu Afrikaa 12ffaa Moorookoo Raabaatitti gaggeeffamaa jirurratti hirmaachaa jiru.

Ispoortii woorld teekwaandoo dubartootaa dheengadda Hagayya 15,2011 gaggeeffameen Ityoophiyaan meedaaliyaa maaldaa jalqabaa kiilo giraama 53n Tsabaa’oot Goosaayetiin argatteetti.

Comments
Loading...