Fana: At a Speed of Life!

Ogeessonni fayyaa Taaylaand garaa dubartii ganna 60 keessa cirracha hadhooftu kuma 2 ta’u baasan

0 158

Finfinnee, Hagayya 17,2011 (FBC) – Ogeessonni Taaylaanditti dubartii gannaa 60 garaa na dhukkuba jechuun gara mana yaala dhufte keessatti cirracha hadhooftuu kuma 2 aragamuun isaan naasiseera.

Eenyummaa nama kana kan hin ibsamee dubartii ganna 60 dhukkuubiin garaa waan itti dhaga’ameef gara mana yaalaa kan deemte.

Yaalii isakaanii ogeessonni taasisaaniin cirrachi hadhooftu dhibbaan lakka’amu argataniiru.

Ogeessonni yaalii baqaqsanii yaaluu daqiiqaa 40 itti fudhateen cirrachoota hadhooftuu kuma 1 fi 898 baasaniiru.

Baayyinni cirrachoota hadhooftu garaa dubartii kana keessa bahe riikkardi idila addunyaa  cabsuu hin dandeenye.

Riikardii idila Addunyaa qabatee kan jiru bara Faranjoota 1987 Ingilizii keessa kutaa bulchiinsa Kaaba Bahaa Suuseeksi jedhamuun yaamamu dubartii ganna 85 keessa cirracha hadhooftu kuma 23 fi 530 bahedha.

Daayreektarri Hoospitaala Taaboo Kiraawuun Waataanaa Paarasir cirrachoonni hadhooftuu baayina amma kana qaban kana ba’an yeroo jalqaabaa ta’u himaniiru.

Maddi :- Deeyiil Maayiil

Comments
Loading...