Fana: At a Speed of Life!

MM Dr Abiy, ministira Ministeera Tumsa Misoomaa Idil Addunyaa Briitaaniyaa Aalook Shaarmaan waliin mari’atan

0 163

Finfinnee, Hagayya 17,2011(FBC) – Muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad, ministira Ministeera Tumsa Misoomaa Idil Addunyaa Briitaaniyaa Aalook Shaarmaan waliin mari’atan.

Marichaanis Aalook Shaarmaan Briitaaniyaan fooyyessa diinagdee Ityoophiyaan eegalte kan deeggartu ta’uu beeksisaniiru.

Ministirichi Ityoophiyaa daawwachaa jiru.

Kaleessa Iistarn Indaastirii Zoon daawwachuudhan itti aanaa preezdaantii mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa waliin mari’achuun isaanii ni yaadatama.

Aalook Shaarmaan mootummaan isaanii invastimantii naannoo Oromiyaa keessatti miisoomuf deeggarsa kan taasisu ta’uu ibsaniiru.

Alaazaar Taaddalaatu gabaase.

Comments
Loading...