Fana: At a Speed of Life!

Iiraan meeshaa waraanaa Misaa’eela qolatu ifa taasifte

0 310

Finfinnee, Hagayya 17,2011 (FBC) – Iiraan qilleensa irratti meesha waraanaa misaa’eela qolatu hojjette ifa taasifte.

Meeshaan Iiraan hojjette kun moggaasa Baavaar-373 kan kennameef si’a ta’u, bakka Preezidaant Hasaan Rohaanii argamanitti daawwanaaf banaa ta’eera.

Midiyaaleen biyyatti akka gabaasanitti meeshaan Iiraan hojjette kun kan Raashiyaa S-300 waliin walqixa jedhaniiru.

Ministeerri Raayyaa Ittisa Biyyaa Iiraan Amiir Yaataamii haasa televizhiiniin taasisaniin meeshaan hojjetamee kun miidhaa qilleensaarraan ga’uu danda’u fageenya KM 300 irratti kan aragasiisu fi jeettiiwwaan fageenya Km 200 irratti rukkuchuu kan danda’udha jedhaniiru.

Meehsaa waraanaa kun ifa kan taasifame guyyaa Industirii Raayyaa Ittisaa Biyyoolessaa Iiraan ilaalchisuunidha.

Maddi:- Rowutarsi

Comments
Loading...