Fana: At a Speed of Life!

Hoospitaalli Q/Phaawloos tajajaila yaala hiimoofiiliyaa laachuu eegale

0 193
Finfinnee, Hagayya 17,2011 (FBC) – Hoospitaalli Q/Phaawloos tajajaila yaala itituu dhabuu dhiigaa fi wallaansa rakkoo dhiiguu(hiimoofiiliyaa) laachuu eegaleera.
 
Tajaajilli yaalichaa Dhaabbata Hiimoofiiliyaa Idil Addunyaa fi dhaabbilee tumsaa biroo waliin qindaa’uun hoospitaalichatti kennamuu eegaleera.
Wiirtuun yaalichaa dheengadda yaalicha laachuu kan eegale.
 
Dhibeen hiimoofiiliyaa daa’imman yeroo dhalatanii eegalee yookin haadhaa gara daa’imaatti kan darbudha.
 
Wiirtuun hojii eegale kun Ityoophiyaatti isa lammaffaadha.
 
Sadarkaa addunyaatti namoota kuma 10 keessaa namni 1 dhibichaaf saaxilamaadha jedhameera.
Comments
Loading...