Fana: At a Speed of Life!

Hoospitaala Xiquur Aanbassaatti wallaansi kaansarii beellamaan nuuf kennamaa hin jiru jedhan tajaajilamtoonni

0 273
Finfinnee, Hagayya 17,2011 (FBC) – Hoospitaala Speeshaalaayizdii Xiquur Aanbassaatti wallaansi dhibee kaansarii beellama keenyan nuuf kennamaa hin jiru jedhan tajaajilamtoonni.
 
Beellama isaanitiin hoospitaalichatti argamanis tajajaila barbaachisaa argachaa akka hin jiraatin Faanaa Broodkaastiing Koorporeetitti himaniiru tajaajilamtoonni.
 
Dawaan dhibichaaf ta’u barbaacha olaanadhaan alaa argamus, dawaa Birrii 60 Birrii kuma 6n akka bitan gaafatamuu himu.
 
Hoospitaalichatti daayreektarri kliinikaal narsii Koolleejjii Saayinsii Fayyaa Dooktar Yirguu Gabrahiywat hoospitaalichi maallaqa hin kaffalin Birrii miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 51, yookin idaa waggaa 5 waan ofirraa qabuuf rakkoo dawaa dhiyeessuu akka qabu eeraniiru.
 
Hoospitaalichatti waggaa 1 qofatti yaalamtoota miiliyoona walakkaatu keessummeeffama.
 
Kanneen keessaa %80 ammoo tajaajila yaalaa bilisaan kan fayyadamanidha jedhan.
 
Dawaan dhibichaa gostni 70 kan barbaadamu ta’us, dhiyeessaa kan jiru 30 qofa.
 
Hanqinni dawaa dhibee biroos jiraachuu ibsaniiru.
 
Geetaasaw Yashiiwaastu gabaase.
Comments
Loading...