Fana: At a Speed of Life!

Feesbuukiin Maaynaamaritti akkawuntii namoota maqaa sobaan banataan 216 cufe

0 125

Finfinnee, Hagayya 17,2011 (FBC) – Dhaabbanni Feesbuukii Maaynaamaritti akkawuntii namoota maqaa sobaan banataan 216 cufuu isaa beeksise.

dhaabbatichi akka beeksiseetti akkawunti dhuunfa 89 ta’an, marsariitiiwwaan 107, feesbuukii garee 15 fi akkawunti Instaagiraamii 5 cufamu isaa ibseera.

Marsariitiiwwaan feesbuuki cufamaan tokko tokko qaama waraanaa waliin kana walitti hidhataanii fi marii hawaasaa warra burjaajjeesan ta’uu ibsameera.

Haasaa jibbinsaa caalumatti miidhaa musliimoota Roohiingiyaa irra ga’e waliin walqabatee akkawunt hoogganaa Raayya Ittisa Maaynaamaar dabalatee akkawuntiwwaan dhibbaan lakka’amu cufamuu isaa ibseera.

Maddi:- Rowutars

Comments
Loading...