Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbilee poolisii tajaajila isaanii ammayyaa’aa gochuuf hojiin riifoormii eegalame

0 103

Finfinnee, Hagayya 16,2011(FBC) – Dhaabbilee poolisii fi tajaajila isaanii ammayyaa’aa fi ogummaan kan deeggarame gochuuf hojiin riifoormii eegalameera.

Gareen qorannoo riifoormii laafinaa fi cimina dhaabbilee poolisii ilaalchisuudhan yaada ka’umsaa dhiyeessera.

Maricharrattis hoggansii fi hojjettoonni Ministeera Nageenyaa fi Koomiishinii Poolisii Federaalaa argamaniiru.

Dhimmi seeraa fi imaammataa, misoomni humna namaa fi bulchiinsaa, hariiroon dhaabbattummaa fi gurmiin isaa dhiyaatee irratti mari’atameera.

Dhiyeessii fi itti fayyadamni loojastiiksii fi teeknooloojiis qaama mariiti.

Comments
Loading...