Fana: At a Speed of Life!

Af-yaa’iin Mana Maree Niiwzilaand daa’ima miseensa mana marichaa xuuxxoo hoosisaan

0 93

Finfinnee, Hagayya 17,2011 (FBC) – Af-yaa’iin Mana Maree Niiwzilaand haasaa taasisaa daa’ima miseensa mana marichaa xuuxxoo hoosisaa suuraan ka’an qalbii namaa hawwateera.

Af-yaa’iin mana marichaa Treevoor Maaraard; mucaa dhiiraa ji’a tokkooti hammatanii xuuxxoo hoosisaa haasaa kan taasisan.

Daa’imichi kan dubartii Taamaatii Koofaayi.

Taamaatii Koofaay miseensa Mana Maree Niiwzilaand yoo taatu, waan mana marichaatti dhiyaate mormuun dubbachaa turte.

Af-yaa’iin mana marichaas dubartittiin yaadashee qalbiidhan akka ibsattu daa’imicha irraa fidanii dhaabbatanii dhaggeeffachaa, jidduudhan ammoo haasa’aas turan.

Af-yaa’ichis “Teessoon af-yaa’ii hoggantoota bakkichaaf filatamaan qofaf tajaajila. Haata’utii har’a keessuummaan addaa ana waliin teessicha qooddateera.” jechuun suuraan isaanii fuula Twiitara isaanii irratti barreessaniiru.

Suuraa fi viidiyoo gadhiifameen Treevoor Maaraard daa’ima baate yoo sossobuu fi xuuxxoo yoo hoosisu muul’ateera.

Namoonni miidiyaa hawaasaan ta’icha hordofaan, gochaa Treevoor Maaraard fi Taamaatii Koofaay dinqisiifataniiru.

Maddi:- CNN

Comments
Loading...