Fana: At a Speed of Life!

Tsabaa’oot Goosaayeen woorlid teekwaandotiin maaldaa argamsiiste

0 153

Finfinnee, Hagayya 16,2011(FBC)- Dorgommiiwwan ispoortii 26n biyyoonni 54 irratti hirmaachaa kan jiran taphni guutuu Afrikaa 12ffaan Moorookoo Raabaatitti gaggeeffamaa jira.

Ityoophiyaanonni gosoota ispoortii 13n kan irratti hirmaatan keessaa shaniin; woorld teekwaandoo, buunyoo, daakaa bishaanii, teenisiin minjaalaa fi kubbaan saaphanaa dubartootaa 3×3 kaleessa eegalameera.

Ispoortii woorld teekwaandoo dubartootatiin Ityoophiyaan meedaaliyaa jalqabaa argatteetti.

Kiilo giraama 53n Tsabaa’oot Goosaayeen meedaaliyaa maaldaa argamsiistetti.

Dorgommiin teekwaandoo dhiiraammoo har’a gaggeeffama.

Comments
Loading...