Fana: At a Speed of Life!

Shamarran Ashandaatif kabajaan kennamu dubartoota maraaf kan barbaachisudha – preezdaant Saahilawarq

0 111
Finfinnee, Hagayya 16,2011(FBC)- Shamarran Ashandaatif kabajaan kennamu dubartoota Ityoophiyaa maraaf kan barbaachisudha jedhan preezdaantiin FDRI Saahilawarq Zawdeen.
 
Preezdaant Saahilawarq Zawdeen ayyaana Ashandaa har’a magaalaa Maqaleetti kabajamerratti argamuudhan ergaa dabarsaniiru.
 
Sirna kabajaa ayyaanichaarratti kabajaa fi ulfinni dubartootaf kennamu guyyootii waggaa 365tti dubartoota maraaf kennamuu akka qabu himaniiru.
 
Ityoophiyaan ayyana aadaa kiliyaa akka Ashandaa mallattoo jaalalaa, kabajaa, tokkummaa fi nageenyaa ta’an hedduu qabaachuu ibsaniiru.
 
Ayyaanicha hambaa kiliyaa addunyaa gochuun galmeessisuuf sochii taasifamuuf ummanni Tigraay gumaacha olaanaa taasisuu ibsaniiru.
 
Ayyaanicharratti itti aanaan preezdaantii naannoo Tigraay Dooktar Dabratsiyoon G/mikaa’eel gama isaanitiin Ashandaan ayyaana aadaa fi amantaa ta’uu eeraniiru.
 
Dubartoonni Ashandaa uffannaa aadaa fi kabajaa isaanii ibsuun dhiyaachuu isaanitiin galateeffataniiru.
 
Ummanni naannoo Tigraay aadaa fi eenyummaasaa waggoota dheeraaf tiksee turuu Ashandaan fakkeenya jedhaniiru.
 
Mootummaan naannoo Tigraay ayyaanichi hambaa addunyaa ta’ee akka galmaa’u kan hojjetu ta’uu ibsaniiru.
 
Miidhaa dubartootaa nananichatti muul’atu balaaleffatanii, miidhicha ittisuurratti hunduu ga’eesaa akka taphatu waamicha dhiyeessaniiru.
 
Preezdaant Saahilawarq har’a waaree booda Buufata Xiyyaaraa Aluulaa Abbaa Naggaa yammuu ga’an itti aanaan preezdaantii naannoo Tigraay Dooktar Dabratsiyoon G/mikaa’eel simannaa taasisaniifiru.
Comments
Loading...