Fana: At a Speed of Life!

Museeveenii fi Kaagaameen garaagarummaa isaani furuuf waliigalan

0 158

Finfinnee, Hagayya 16,2011 (FBC) – Preezidaanti Yuugandaa Yuweer Museeveenii fi Preezidaanti Ruwaandaa Pool Kaagaamee hariiroo giddu isaanii cimsuu kan dandeessisu waliigaltee nageenyaa mallatteessan.

Preezidaantin lamaan waliigalteera kan ga’an Roobii darbe magaalaa guddoo Angoolaa Luwaandaa sirna adeemsifame irrattidha.

Sirna waliigaltichaa irratti hooggantoonni Angoolaa, Koongoo Biraazaazhiil fi Demookiraatiki Rippabiliik Koongoo irratti kan argamaaniiru.

Waliigaltichaan booda preezidaant Kaagaameen “ rakkoo giddu keenya jiru furuuf qophoofneera” jechuun gaazexesitootaaf yaada kennaniiru.

Naannoo daanga biyyoota lamaanitti sochiin dandalaa irratti dhiibban tureera, kanarraan ka’uun lammiileen Ruwaandaa gara Yuugandaa seenanii hojjechuu hin danda’an ture.

Kana furuuf ammo saffisa barbaachisuun sochiin daldalaa naannoo daanga waliinii graa bakka isaatti akka deebi’u yaadni jedhu waliigalticha keessatti hammatameera.

Maddi:- BBC

Comments
Loading...