Fana: At a Speed of Life!

Kwaataar Doolaara miiliyoona 18 Finfinneetti hoospitaala yaala kalee ijaarufi

0 197
Finfinnee, Hagayya 16,2011(FBC) – Mootummaan Kwaataar Finfinneetti hoospitaala yaala kalee ijaarufi.
 
Hoospitaalichi Doolaara Ameerikaa miiliyoona 18 ijaarrama.
 
Ministeera Dhimma Alaa FDRItti daayreektarri dhimma baha jiddugaleessaa Ambaasaaddar Tabajjee Bariheen dhimmicharratti hoggansa Proojaktii Fandii Misoomaa Kwaataar waliin mari’ataniiru.
 
Maricharrattis gorsituun proojaktii ministira Ministeera Fayyaa Dooktar Sannaayit Bayyanaa fi itti gaafatamaan kutaa yaala kalee Hoospitaala Speeshaalaayizdii Xiquur Anbassaa Dooktar Addisuu Malkeen hirmaataniiru.
 
Kwaataaritti ergamaan addaa FDRI fi ambaasaaddarri guutuu Saamiyaa Zakkaariyaa fi diippiloomaatonni imbaasichaa hirmaataniiru.
 
Gama Kwaataarin itti aanaan daayreektara olaanaa Proojaktii Fandii Misoomaa Kwaataar miistar Miisfar Haamaad Al Shaahwiinii fi ogeeyyiin dhaabbatichaa hirmaataniiru.
 
Proojaktichi ariitiin akka hojiirra oolus marichaan walii galaniiru.
 
Proojaktichi marsaa lamaan kan raawwatamu yammuu ta’u, marsaa jalqabaatin ijaarsa gamoo fi leenjii ogeeyyiitu hammatama.
 
Proojakticha milkeessuuf mootummaan Kwaataar Doolaara miiliyoona 18 ramaduun ibsameera.
Comments
Loading...