Fana: At a Speed of Life!

Olaantummaa seeraa kabachiisun barbaachisaadha- preezdaant Saahilawarq

0 125
Finfinnee, Hagayya 16,2011(FBC)- Jijjiirrama bu’uuraa Ityoophiyaatti eegalame itti fufsiisuuf olaantummaa seeraa kabachiisuu fi nageenya mirkaneessuun barbaachisaa ta’uu preezdaant Saahilawarq Zawdeen ibsan.
 
Waltajjiin “Carraa jijjiirramaa fi hanqinoota mudatan hiikuun cee’umsa siyaasaa tasgabbaa’aa fi nagayaaf” jedhuun galma Koomiishinii Diinagdee Afrikaatti qophaa’e gaggeeffamaa jira.
 
Heddumina Ityoophiyaa keessummeessuun barbaachisaa ta’uu preezdaant Saahilawarq ibsaniiru.
 
Gufuuwwan yeroo cee’umsaa mudatan ga’umsaan keessa darbuudhan, carraalee gaarii fayyadamuudhan tokkummaa cimaa fi walii yaaduu ijaarun barbaachisaadha jedhan.
 
Jijjiirrama bu’uuraa eegalame itti fufsiisuuf olaantummaa seeraa kabachiisudhaan nageenya amansiisaa mirkaneessun barbaachisaadha jedhan.
 
Balaay Tasfaayetu gabaase.
Comments
Loading...