Fana: At a Speed of Life!

Indooneezhiyaan hariiroo Ityoophiyaa waliin qabdu cimsuu akka feetu beeksifte

0 153

Finfinnee, Hagayya 16,2011 (FBC)  – Indooneezhiyaan hariiroo Ityoophiyaa waliin qabdu cimsuu

akka feetu Ityoophiyaatti Ambaasaaddarri biyyatti Al Bushiraa Baasnuur ibsaniiru.

Ambaasaaddarichi yeroo ammaa kana dhaabbilee Indoonezhiyaa 5 Ityoophiyaa keessatti damee misooma garaagaraarratti bobba’anii hojjechaa  jiru jedhan.

Abbootiin qabeenyaa biyyatti gara Ityoophiyaa dhufanii hojii akka eegalaan fedhii guddaa akka qaban ibsaniiru.

Abbootiin qabeenyaa ityoophiyaatti dame invetimentii irratti bal’inaan akka hirmaata Imbaasiin Indooneezhiyaa Finfinneetti argamu cimee hojjechaa akka jiru himeera. Kanaaniis hariiroon biyyoota lamanii caalumatti cimuuu akka danda’u Ambaasaaddarichi himaniiru.

Ambaasaaddarichi walitti dhufeenyi aadaa fi hawaasummaa biyyoota lamaan giddu jiru caalumatti akka cimuuf hojjetamaa kan jiru yoo ta’u, bara dhufu barattoota Ityoophiyaa 20 ta’an gara Indooneezhiyaa kan ergama si’a ta’u, haaluma walfakkaatun dargaggoonni Indooneezhiyaa Ityoophiyaa akka daawwatan ni taasifama jedhaniiru.

Comments
Loading...