Fana: At a Speed of Life!

Godina Shawaa Lixaa aanaa Cobiitti meeshaan waraanaa seeran alaa qabame

0 252

Finfinnee, Hagayya 16,2011(FBC)- Godina Shawaa Lixaa aanaa Cobiitti meeshaan waraanaa seeran alaa eeruu ummataatin qabame.

Aanaa Cobii ganda Dirree Qabbanaa iddoo addaa Yuubdoo jedhamutti meeshaan seeran alaa kun har’a qabamuu Waajjirri Dhimmoota Koominikeeshinii Godina Shawaa Lixaa beeksiseera.

Akka waajjirichi jedhutti meeshaaleen qabaman;rasaasa 557, kaartaa 14, hidhannoo 6, Kilaashii 4, koddaa 3, uffata reenjarii 3, marxoo 11, uffata roobaa 2, Hara boonbii 1, Israa’eel boombii 1, boombii RG5 2 fi meeshaalee waraanaa birooti.

Meeshaaleen kanneenis mana nama dhuunfaatti kan qabaman.

Comments
Loading...