Fana: At a Speed of Life!

Abadallaa Hamdook Muummee Ministira Sudaan ta’uun muudaman

0 196

Finfinnee, Hagayya 16,2011 (FBC) – Abadallaa Hamdook Muummee Ministira Sudaan ta’uun muudaman.

Kaleessa Muummee Ministiraa ta’uun waadaa kana galan Dooktar Abdallaa Hamdook nageenya mirkaneessuu fi rakkoo diingadee furuun waan dursa hojjetamuudha jedhaniiru.

Janaraal Abdelraahmaan Burhaan hoogganaa Mana Maree walaba ta’uun hundaa’ee ta’anii jiru.

Mootummaan haaraan hundaa’aa jiru kun bara 2022’tti biyyattiin hanga filannoo gaggeessitutti bulcha.

Mormitootni qoodinsi aangoo ammaa bulchiinsa waraanaa ni hambisaa jedhaniiru.

Dooktar Hamdook waadaa kan galan Itoophiyaa irraa akkuma biyyatti deebi’aniini.

Bara 2011 irraa ka’ee ogeessa diinagdee Dhaabbata Biyyoota Gamtoomnii ta’uun tajaajilaa turan.

”Hojiin mootummaan kun dursa kenneefi hojjetu waraana dhaabuu, nageenya waaraa fiduu, rakkoo diinagdee hammaataa furuu fi imaammata hariiroo alaa madaalawaa uumuudha” jechuun dubbataniiru.

Bara darbe wayita Al Bashiir aangoorra turan, Ministira maallaqa akka ta’an waamamani osoo hin fudhatiin hafuu isaanii AFP’n gabaaseera.

Waadaa galuun Hamdook erga Al Bashiir aangoo gadhiisanii booda yeroo duraaf biyyattiin bulchiinsa waraanaa jalaa baate.

maddi: BBC

Comments
Loading...