Fana: At a Speed of Life!

Waltajjiin misoomaa fi hariiroo ummataa naannolee dhihaa xumurameera

0 74

Finfinnee, Hagayya 15,2011 (FBC) – Waltajjiin misoomaa fi hariiroo ummataa naannolee dhiha Ityoophiyaa dheengaddaa eegalee gaggeeffamaa ture kaleessa xumurameera.

Waltajjicharratti gabaasni raawwii hojii bara 2011 Waajjira Qindeessaa Misoomaa fi Nageenyaa Naannoo Beenishaanguul Guumzii fi Oromiyaa dhiyaatee irratti mari’atameera.

Waajjirichi walitti bu’iinsa daangaa hambisuu fi fayyadamtummaa ummattoota naannolee lamaanii mirkaneessuuf kan kaayyeffatedha.

Dhumarras godinaalee fi aanaaleen ollaa naannolee lamaanii waliigaltee nageenyaa fi misoomaa mallatteessaniiru.

Comments
Loading...