Fana: At a Speed of Life!

Waliigalteen karoora daldala kallattii intarneetii qopheessuu mallattaa’e

0 180
Finfinnee, Hagayya 15,2011 (FBC) – Proodeevkoon karoora daldala kallattii intarneetii(Ii-koomeers) qopheessuun Ityoophiyaadhaf dhiyeessuuf waliigale.
 
Dhaabbatichi daldala elektirooniiksiif tajajailli poostaa akka ammayyaa’u, dhaabbilee dhuunfaa daldala kana keessatti hirmaatan hundeessuu fi bu’uuraalee misoomaa guutuuf karoora qopheessuun dhiyeessuuf waliigaleera.
 
Sirni daldalaa dhaabbilee idil addunyaa waliin akka walitti hidhamuu haala mijeessun qaama waliigaltichaati.
 
Waliigalticha ministirri Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii Dooktar Injiinar Geetaahuun Makuriyaa gama Ityoophiyaatin, gama Proodeevkootin ammoo Vaandeen Hiiwvan mallatteessaniiru.
 
Dhaabbatichi teessoosaa Ameerikaa godhachuudhan kan hojjetu yammuu ta’u, gara fuula duraatti damicharratti invast gochuu akka barbaadu beeksiseera.
 
Hojichi lammiilee hedduuf carraa hojii ni bana jedhameera.
Comments
Loading...