Fana: At a Speed of Life!

Tajaajilli Elektiriika Ityoophiyaa galii Birrii biiliyoona 7 ol sassaabera

0 143
Finfinnee, Hagayya 15,2011 (FBC) – Tajaajilli Elektiriika Ityoophiyaa bara baajataa 2011tti galii Birrii biiliyoona 7.184 sassaabuusaa beeksise.
 
Galichis kan sassaabbame gurgurtaa iinarjiirrayi.
 
Karoorrisaa Birrii biiliyoona 9.366 sassaabuu ture; kunis raawwin isaa %76.71 ta’uu muul’isa.
 
Tajaajilichaaf ga’een galii Tajaajila Elektiriika Ityoophiyaa %40 yammuu ta’u, %60 ammoo humna kan dhiyeesse Humna Elektiriikaa Ityoophiyaaf kan dabarsu ta’a.
 
Ijaarsa sararaa fi hojii biroo walfakkaataarraa maamiltootarraa Birrii biiliyoona 5.6 sassaabera.
 
Galii osoo hin sassaabbamin hafe keessaa %88 milkeessera.
 
Gurgurtaa meeshaalee moofaarraa Birrii miiliyoona 41 ol sassaabera.
Comments
Loading...