Fana: At a Speed of Life!

Sagantaan biyyoolessaa “Qaammee ida’amuun” qophiirra jira

0 412

Finfinnee, Hagayya 15,2011 (FBC) – Sagantaan biyyoolessaa “Qaammee ida’amuun” qophiirra jiraachuu Waajjirri Muummee Ministiraa beeksise.

Haaluma kanaan;
Qaammeen 1; badhaadhina kan bakka bu’e yammuu ta’u, Waajjira Muummee Ministiraatu qindeessa.

Qaammeen 2; guyyaa nageenyaa yammuu ta’u, ministira Ministeera Nageenyaa aadde Mufaariyaat Kaamiilin hogganama.

Qaammeen 3; biyyaan boonuu yammuu ta’u, itti aanaa kantiibaa magaalaa Finfinnee Injiinar Taakkalaa Uumatiin duurfama.

Qaammeen 4; moggaasa demokraasii jedhu kan argate yammuu ta’u, ministira Ministeera Geejibaa aadde Daagmaawiit Moogasiin hogganama.

Qaammeen 5; guyyaa haqaa jedhamuun kan mogga’e yammuu ta’u, Abbaa Alangee Federaalaa obbo Biraanuu Tsaggaayetiin hogganama.

Qaammeen 6; guyyaa tokkummaa biyyoolessaa jedhamuun yaadatameet oola.

Comments
Loading...