Fana: At a Speed of Life!

MM Dr Abiy baga ayyaana Ashandaa/Shaaday/Ashandiyyee/Soolaliin ittiin isin ga’e jedhan

0 238
Finfinnee, Hagayya 15,2011(FBC)- Muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad baga ayyaana Ashandaa/Shaaday/Ashandiyyee/Soolaliin ittiin isin ga’e jedhan.
 
Ayyaanichi waliinjireenya ummataa fi aadaa walirraa dhaaluu kan muul’isudha jedhaniiru Dooktar Abiy ergaa baga ittiin sin ga’ee isaanitiin.
 
Ayyaanichi bakkeewwan addaddaatti kabajamus, calaqqee hariiroo aadaa fi hawaasummaa ummataati jedhan.
 
Ashandaa/Shaaday/Ashandiyyee/Soolal mallattoo ol ka’umsaa fi jijjiirramaa waan ta’eef, ayyaanichi durirra har’a nu barbaachisa jedhaniiru.
 
Shamarran ayyaanicha baroota rakkisaa keessallee walqixxummaa isaanii bifa calaqqisiisun kabajaa turaniiru; nutis waan gufuu ta’u mara injifachuun tokkommaa waloof waliin yaa hojjennuun dhaamaniiru.
 
Ayyaanichi hariiroo hawaasummaa fi aadaa ummataa cimsuun mallattoo tokkummaa akkuma ta’e, nutis biyyaa fi ummata cimaa ijaaruuf waliin yaa dhaabbannuun; baga ittiin isin ga’e jedhaniiru.
Comments
Loading...