Fana: At a Speed of Life!

Kilabni kubbaa miilaa Faasil tapha deebii Waanca Konfidereeshinii Afrikaa taasisuuf Daare Salaam gale

0 200

Finfinnee, Hagayya 15,2011 (FBC) –  kilabni kubbaa miila Faasil tapha deebii Waanca Konfidereeshinii Afrikaa taasisuuf Daaree Salaam galeera.

Garichaaf Taanzaaniyaatti Ambaasaaddaraa Ityoophiyaa Yoonaas Yooseef dabalatee qaamota garaagaraan simannaan taasifameera.

Mo’ataa waanca Ityoophiyaa ta’un tapha waanca konfidereeshinii Afrikaa hirmaachaa kan jiru Faasil , tapha gulaallii jalqabaan istaadiiyoomi Bahiir Daariitti garee Aazaamiin 1-0 injifachuun isaa ni yaadatama.

Hagayya 18 tapha deebii Daaree Salaamitti garee Aazaam waliin taasisuuf kilabni kubbaa miilaa Faasiil Finfinnee fi Baahir Daaritti shaakala taasisaa tureera.

Tapha kana irratti garichi tapha Baahiir Daariitii goolii galchuun akka injifatan kan taasise Bazzaabih Mallayyoo sababa miidhamaan tapha deebii kana irratti hin hirmaatu jedhame.

Comments
Loading...