Fana: At a Speed of Life!

Dr Amiir Amaan, Dr Teediroos Adihaanoom waliin mari’atan

0 117
Finfinnee, Hagayya 15,2011 (FBC) – Ministirri Ministeera Fayyaa FDRI Dooktar Amiir Amaan daayreektar janaraal Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Dooktar Teediroos Adihaanoom waliin mari’atan.
 
Damee fayyaa Ityoophiyaa cimsuu, qabiinsa ragaa fi fayyadamasaa gabbisuuf waliin hojjechuurratti mari’ataniiru.
 
Talaallii, qabiinsa ragaa fi tiraanisfoormeeshinii aanaaleerratti waliin hojjechuuf mari’achuu isaanii Dooktar Amiir Amaan ibsaniiru.
 
Marichi yaa’ii waggaa 69ffaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa damee Afrikaa Koongoo Braazaaviilitti gaggeeffamaa jiruun cinaatti kan taasifame.
 
Yaa’icharratti jilli federaalaa fi naannoleerraa walitti babba’e hirmaachaa jira.
Comments
Loading...