Fana: At a Speed of Life!

Caaseffamni barnootaa fooyya’e

0 1,039

Finfinnee, Hagayya 15,2011 (FBC) – Caaseffamni barnootaa fooyya’e.

Caaseffama haaraa kanaan waggaan 6 sadarkaa jalqabaa, waggaan 2 barnoota jiddugaleessaa, waggaan 4 ammoo sadarkaa 2ffaa akka ta’u murtaa’uusaa Ministeerri Barnootaa FDRI beeksiseera.

Caaseffamichis 6-2-4 ta’uun fooyya’eera jedhan ministirtri Ministeera Barnootaa FDRI Dooktar Xilaayee Geeteen.

Haaluma kanaan barattoonni barnoota sadarkaa 2ffaa umriin isaanii waggaa 18 yammuu tguutu kan xumuran ta’a jedhan.

Kanaan dura dameen barnootaa sadarkaa 1ffaadhan gadii dhuunfaan qabamee ture mootummaa fi dhuunfaan kan laatamu ta’a.

Barattoonni kutaa 6ffaa yammuu xumuran qormaata naannoo qoramu.

Qormaanni kutaa 8ffaa naannoo kanaan duraa hafee; kan biyyoolessaa ta’a.

Kanaaf qormaanni biyyoolessaa kutaa 10ffaa kanaan dura kennamaa ture ni hafa.

Qormaanni kutaa 12ffaa ammoo seennii dhaabbilee barnoota olaanoof ta’u, yookin ta’uu dhabuu akka malu ibsaniiru.

Comments
Loading...