Fana: At a Speed of Life!

Burkinaafaasootti balaa shororkeesitoonni qaqabsiisaniin loltoonni mootummaa 24 lubbuun darbaan

0 108

Finfinnee, Hagayya 15,2011 (FBC) – Burkinafaasoo bulchiinsa kibba Saa’uum balaa shoroorkeesitoonni qaqqabsiisaniin looltoota  mootumaa 24 lubbuun darbe.

Ministeerri Waraanaa biyyatti akka beeksisetti gareen hidhatanii socho’aan buufata waraanaa giddugaleessa Saa’uum argamurratti balaa shoroorkeessummaa qaqabsiisaniin hanga ammatti loltoonni 24 lubbuun darbaaniiru jedhan.

Balaa qaqqabeen loltoota  du’aniin cinaatti, loltoonni 7 irra miidhaa cimaan yoo ga’u, loltoonni 5 ammoo hanga ammaatti eessa akka ga’an hin beekkamne.

Gareen hidhate socho’u kun meeshaa waraanaa cimaatti kan fayyadamaan yoo ta’u, balaa kanaaniis giddugalli waraanaa kun irra caalaan isaa abiddaan gubateera.

Balichaan walqabatee humni waraanaa biyyatti waraana lafoo fi qilleensa deeggaramee garee balaa kana qaqqabsiise irratti tarkaanffi fudhachaa kan jiru yoo ta’u, tarkaanfii fudhatameen garee hidhatanii socho’aan hedduun kan du’an ta’uu gabaafameera.

Maddi:- Aljeziiraa

Comments
Loading...