Fana: At a Speed of Life!

Ayyaana Ashandaa, Shaaday, Ashandiyyee fi Soolal hambummaan galmeessisuuf hojjetamaa jira

0 126
Finfinnee, Hagayya 15,2011 (FBC) – Ayyaana Ashandaa, Shaaday, Ashandiyyee fi Soolal hambummaa addunyaatin galmeessisuuf hojjetamaa jiraachuu Ministeerri Aadaa fi Tuuriizimii beeksise.
 
Ayyana aadaa kana hambaa kiliyaa addunyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanitti Dhaabbata Barnoota, Saayinsii fi Aadaatti galmeessisuuf hojjetamaa jiraachuu itti gaafatamaan koominikeeshinii ministeerichaa obbo Taarikuu Nagaash himaniiru.
 
Ayyaanichi kaaba Ityoophiyaatti ayyaana shamarranii jedhamuun beekama.
 
Ragaan hambummaan galmeessuuf gargaaru sassaabbamaa turuus ibsaniiru.
 
Ayyaanni Ashandaa, Shaaday, Ashandiyyee fi Soolal naannoo Tigraayii fi Amaaraatti Hagayya 16 eegalee torbee 1f kabajama.
 
Ayyaanichi mallattoo magariisummaa, goolabamaa jiraachuu baatiiwwan Gannaa, dhufaatii waggaa haaraati.
 
Ayyaanichi agarsiistuu guyyaa walqixxummaa shamarraniiti.
Comments
Loading...