Fana: At a Speed of Life!

Ameerikaan jeettiwwaan waraanaa 66F-16 Taaywaanitti gurguruuf

0 228

Finfinnee, Hagayya 15,2011 (FBC) – Waajjirri Dhimma Alaa Ameerikaa Jeettiwwaan waraanaa 66F-16 Taaywaanitti gurguruuf yaada dhiyaate raggasise.

Waajjirri Dhiima Alaa Ameerikaa Jeettiwwaan waraanaa Taaywaanitti  Paawundii Biiliyoona 8 gurguruuf murteessu isaa beeksiseera.

Jeettiiwwaan kunneen humna waraana Taaywaan ni cimsa jedhameera.

Ejensiin Nageenya Raayyaa Ittisaa Ameerikaa gama isaatiin, jeettiwwaan gurgurama kun dandeetti waraanaa cimsuu fi guddisuuf kan yaadamedha jedhan.

Gurgurtaan kuniis jeettiiwwan waraanaa 75 fi meeshaawwaan garaagaraa kan ofikeessatti qabate ta’uu himaniiru.

Chaayinaan meeshaa waraanaa Ameerikaan Taaywaanitti gurgurtu kanatti hin gammanne.

Taaywaan gama Chaayinaatiin sodaan qaba jechuun humna waraana ishee guddisaa jirti.

Kanaaf yeroo garaagaratti Ameerikaa waliin hariiroo uumuun meeshaawwaan waraanaa  bitaa jirti.

Barruuwwaan Chaayinaa adeemsi amma kun Chaayinaaf akeekkachiisa cimaadha jechaa jiru.

Dubbi himaan Ministeera Dhimma Alaa Chaayinaa Gangi Shuwaang gama isaanittin, Ameerikaan meeshaa waraanaa Taaywaanitti gurguraa jirtu kun waliigaltee biyyoota lamaanii kan cabsedha jedhaniiru.

Gochi kun Dhimma keesso chaayinaa akka seenutti lakka’ama jedhan.

Maddi:- Aljaziiraa

 

Comments
Loading...