Fana: At a Speed of Life!

Twiitariin marsariitiiwwan hawaasummaa dhimma Hoong Koong odeeffannoo tamsaasaan haqe

0 95

Finfinnee, Hagayya 14,2011 (FBC) – Siyaasni Hoong Koong gara hookkaraatti galchuuf hojjechaa kan turan marsariitiwwaan 936 guutummatti haquusa Twiitariin beeksiseera.

Marsaritiwwaan banamaan kunneen Chaayinaa keessa yoo ta’an, mormii siyaasaa Hoong Koong keessatti ka’e laaffisuuf odeeffannoo tamsaasaa turaniiru.

Feesbuukiin gama isaatiin marsariitiwwaan toorba, garee odeeffannoo fudhatu sadii fi namoota qindeessan afuur haquu isaa beeksiseera.

Dhaabbata Feesbuukitti hogganaa olaanaa Poolisii Nageenya Saayberii Naataaneel Gileecheer akka jedhanitti “ marsariitiiwwaan hawaasumaa walitti fufiinsaa odeeffannowwaan  dhimma Hoong Koong gadi dhiisa turaniiru” jedhe.

Marsaritiiwwaan kana duuba namoonni jiraan mootummaa Chaayinaa waliin hidhata akka qabaan bira geenyeera jechuun ibseera.

Twiitariin gama isaatiin marsariitiwwaan 936 haqe dabalataan, namoota odeeffannoo sobaa tamsaasaan kuma 200 Twiitariitti akka hin fayyadamne taasiseera.

Qorannoo taasifameen marsariitiwwaan hawaasummaa kun tumsaa fi deeggarsa mootummaan akka sochoo’aan beekneera jedhe.

Maddi-  BBC

Comments
Loading...