Fana: At a Speed of Life!

Samaraatti warshaan ashaboo Birrii miiliyoona dhibba 4 fi miiliyoona 32 olii ebbifame

0 108
Finfinnee, Hagayya 14,2011 (FBC) – Magaalaa Samaraatti warshaan ashaboo SVS Birrii miiliyoona dhibba 4 fi miiliyoona 32 oliin ijaarrame ebbifame.
 
Sirna ebbichaarratti ministirri Ministeera Albuudaa fi Boba’aa Dooktar Saamu’eel Orqaatoo, preezdaantiin naannoo Afaar obbo Awwal Arbaa fi hundeessaa fi abbaan qabeenyaa warshichaa obbo Ababaaw Dastaan argamaniiru.
 
Warshichi abbootii qabeenyaa Ityoophiyaa(%66.6) fi Tuurkin(%33.4) kan ijaarramedha.
 
Warshaan ashaboo kun baatitti kuntaala kuma dhibba 4 fi kuma 50 ol guuruun, si’a 4 miiccee, %97 gogsuu danda’a.
 
Jiraattota naannichaa 700f hojii dhaabbii, lammiilee 200f ammoo carraa hojii yeroo uumera.
 
Haaluma walfakkaatun warshaan ashaboo biroo kuntaala 750 oomishuu danda’u Birrii miiliyoona dhibba 9 fi miiliyoona 18 magaalaa Afdeeraatti ijaarramaa jira.
Comments
Loading...