Fana: At a Speed of Life!

Ameerikaan yaalii Misaa’eela furguggisu kan fageenya giddu galeessa taasiste

0 232

Finfinnee, Hagayya 14,2011 (FBC) – Ameerikaan yaalii Misaa’eelaa furguggisu kan fageenya giddu galeessa taasissu ishee Waajjirri Raayyaa Ittisaa Ameerikaa Peentaagoon beeksise.

Peentaagoon akka beeksiseetti dilbata darbe qarqara Kaaliifoorniyaatti yaalii misaa’eela milkii qabeessa taasisusaa beeksise.

Mooskoon gama isheetiin Waashingtaan hojii waraana babballisuu hojjecha jirti jechuun gochichi sirri akka hin taane ibseera.

Ameerikaan Misaa’eela furguggisu fageenya giddu galeessa waliigalte humnoota  abbaa qabeenyaa niwuukileera Raashiyaatti gurgureera jedhuun bara Faranjoota Adoolessa 2, 2019 waliigalticha keessa bahuunshee ni yaadatama.

Xinxaltoonnii waliigalteen kun hojiirra oolu dhiisuun isaa walqabatee, hojii hojjetamaa jirun gara waldorgommii waraanaatti adeemaa jira jedhu.

Dhuma waraana diilalaa’aa booda Ameerikaa fi Raashiyaa waliigaltee fageenya KM 500 – kuma 5 fi 500 misaa’eelota furguggisisuu hojiirra akka hin oole waliigalanii as yaalamee hin beeku.

Maddi:- BBC

Comments
Loading...