Fana: At a Speed of Life!

Yuunvarsiitiin Goondar Dooktar Saamu’eel Saahileef proofeesarummaa guutuu laate

0 113
Finfinnee, Hagayya 13,2011 (FBC) -Yuunvarsiitiin Goondar Dooktar Saamu’eel Saahileef proofeesarummaa guutuu laate.
 
Dooktar Saamu’eel Saahileen baayoo teeknooloojidhaan qorannoowwan hedduu gaggeessaniiru.
 
Hoggansi boordii yuunvarsiitichaa walga’ii kaleessa gaggeessen hayyichaaf sadarkaan proofeesarummaa guutuun akka laatamu murteessera.
 
Dooktar Saamu’eel qorannoowwan 13 barruulee idil addunyaa fi biyya keessaarratti maxxansiisaniiru.
 
Kitaabota 2 barreessanii maxxansiisaniiru.
Comments
Loading...