Fana: At a Speed of Life!

Ummanni lolaa laga Awaashin rakkate deeggarsa barbaada

0 234
Finfinnee, Hagayya 13,2011 (FBC) – Hawaasti lolaa laga Awaashin qayee fi qabeenya isaarraa buqqa’e deeggarsa barbaada.
 
Lolaa laga Awaashin ummanni godina Shawaa Kibba Lixaa aanaa Iluutti rakkoof saaxilame deeggarsa akka argatu koreen waloo mootummaa federaalaa fi naannoo Oromiyaarraa hundaa’e ummata waliin mari’ateera.
 
Lagichi naannoo Awaash bal’ootti guutuun dhangala’ee ummata naannichaa irratti rakkoo qaqqabsiisera.
 
Lolaa kanaan lafti heektaarri 1667 bishaanin uwwifameera.
 
Ganda 3 keessatti abbootiin warraa 1353; maatin 6615 rakkoof saaxiilaa jiraachuu Biiroon Dhimmoota Koominikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa bulchaa aanaa Iluu obbo Geetuu Tuujibaa eeruun beeksiseera.
 
Hogganaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa obbo Dhaabaa Dabaleen mootummaan ummata rakkoof saaxilame deeggaruuf hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.
 
Ummata bishaanin marfamee jiru baasuuf bidiruun 2 guyyaa har’aa bakkichatti argamuun hojii baraaruu ni hojjetu jedhan.
 
Ummata rakkoo guutinsa bishaanitiin mana isaanii gallakkisaniif iddoon qubannaa yeroo, midhaan nyaataa fi meeshaaleen barbaachisoon guyyaa har’arraa eegalee kan dhiyaatu ta’uu ibsan.
Comments
Loading...