Fana: At a Speed of Life!

Namticha bakakkaan rukutamee lubbuun oole

0 190

Finfinnee, Hagayya 13,2011 (FBC) – Ameerikaa Kibba Kaarooliinaa naannoo buchiinsa Koonweeyiitti namtichi Roomiilaas Maakneeyil rooba keessa otuu deemaa jiruu Deeylii Meeylii suuraa qindeessee jimaata darbe gabaaseera.

Ogeessa gorsaa Mana barumsaa Hoor Kaawuunt  kan ta’an akka himanitti Roomiilaas harka mirgaatti furtuuwwaan, harka bitaan ammo dibaabee qabatanii jiru jedhan.

Akka tasaa Bakakkaan cinaa isaatti bu’een isa kuffisuun dibaabee isaa caccabse gate.

Naasuu keessa kan gale Roomiilas dibaabee isaa caccabe lafaa kaasuun gara Konkolaataa isaa deemuun gara mana isaa deeme.

Ta’ii kana booda yaada kennaniin “ bakakkan na rukkuta jedhee yaade hin beeku, bayyeen nahe, bifa akkasiin dhufuusa hin eegne, isa booda gara manaa galuu barbaade “jedhan.

Comments
Loading...