Fana: At a Speed of Life!

Naannoleen dhiha Ityoophiyaatti argaman Asoosaatti walga’aniiru

0 278
Finfinnee, Hagayya 13,2011 (FBC) – Naannoleen dhiha Ityoophiyaatti argaman ha’aa eegalee waltajjii waloo magaalaa Asoosaatti gaggeessaa jiru.
 
Waltajjichi hariiroo naannolee dhiha Ityoophiyaatti argaman cimsuun fayyadamtummaa ummattootaa gama misoomaa fi nageenyatiin fayyadamoo gochuuf kan kaayyeffatedha.
 
Waltajjicharratti af yaa’iin manneen maree naannoon Oromiyaa, Amaaraa, Beenishaanguul Guumzii fi Gaambeellaa hirmaachaa jiru.
 
Waltajjicha Mana Maree Federeeshiniitu Waajjira Qindeessaa Misoomaa fi Nageenyaa Naannoo Oromiyaa fi Beenishaanguul Guumzitu qopheesse.
 
Waltajjichi har’aa eegalee guyyootii lamaaf tura.
Comments
Loading...