Fana: At a Speed of Life!

MM Dr Abiy mootii Saawdii Arabiyaa Mohaammad biin Saalmaan biin Abdulaaziiz waliin bilbilaan mari’atan

0 437
Finfinnee, Hagayya 13,2011 (FBC) – Muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad mootii Saawdii Arabiyaa Mohaammad biin Saalmaan biin Abdulaaziiz waliin bilbilaan mari’atan.
 
Mootichi muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad humnootiin Sudaan mari’atanii garaagartee isaanii furuun, biyyattiitti nagaan akka bu’u qooda olaanaa taphataniif dinqisiifataniiru.
 
Naannoon baha Afrikaa akka tasgabbaa’u Saawdii Arabiyaan Ityoophiyaa waliin kan hojjettu ta’uus mootichi ibsaniiru.
 
Humnootiin Sudaan Sanbata darbe waliigaltee dhumaa aangoo qooddachuu isaan dandeessisu magaalaa Kaartuumitti mallatteessun isaanii ni yaadatama.
 
Waltajjicharratti muummee ministiraa Dooktar Abiy biyyattiin akka tasgabbooftu gumaacha taasisaniif dinqisiifannaa argataniit turan.
 
Dooktar Abiy waltajjicharratti ergaa dabarsaniin ummanni Sudaan tasgabbiin demokraasii ijaaruurratti akka xiyyeeffatu dhaamaniit turan.
Comments
Loading...