Fana: At a Speed of Life!

Iccitiin milkaa’ina har’aa tokkummaa ijaaruu keenya – obbo Shimallis Abdiisaa

0 200
Finfinnee, Hagayya 13,2011 (FBC) – Icciitiin injifatamuu keenya kaleessaa tokkummaa dhabuu keenya ture jedhan itti aanaan preezdaantii mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan.
 
Yaa’iin Qeerroo fi qophii Irreecha Finfinnee 2012 kaleessa magaalaa Finfinnee Galma Barkumeettii gaggeeffamerratti itti aanaan preezdaantii mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa, itti aanaa kantiibaa Finfinnee Injiinar Taakkalaa Uumaa, abbootiin Gadaa, maanguddoonni, qeerroo fi qarreewwan, hayyoonni argamaniiru.
 
Obbo Shimallis waltajjicharratti ergaa dabarsaniin icciitiin injifatamuu Oromoo kaleessaa tokkummaa dhabuu ture jedhan.
 
Iccitiin milkaa’ina har’aas tokkummaa ijaaruu keenyan kan dhufedha jedhan.
 
Yeroo ammaa garuu tokkummaan ummata Oromoo dhaabaa oli, nama dhuunfadhaayis oli, amantaa fi gosaayis oli jedhan.
 
Kana boodas humni tokkummaa keenya diigu, Oromoos duubatti deebisu hin jiru jedhaniiru.
 
Injiinar Taakkalaan gama isaanitiin magaalaan Finfinnee Irreecha dabalatee, ayyaanota sabaa fi sablammootaa garaagaraa kabajuuf qophiirra jirti jedhan.
 
Finfinnee fi mootummaan naannoo Oromiyaa ayyaana Irreecha Finfinee 2012f qophiirra jiru.
Comments
Loading...