Fana: At a Speed of Life!

Hoong Koongitti  lammiilee miiliyoona1.7 ol ta’an hiriira mormiif bahan

0 153

Finfinnee, Hagayya 13,2011 (FBC) – Hoong Koongitti  lammiilee miiliyoona 1.7 ol ta’an hiriira mormii bahuun isaani ibsame.

Hoong Koongitti hiriira mormii lammiilee miiliyoona 1.7 ol ta’an bakka Tokkotti bahamaa Jiru ilaalchisee Chaayinaan akeekkachiisa cimaa kenniteetti.

Hiriirichi kaleessa karuma nagaa gaggeeffamaa oolus torbanoota 11 darbaniif yeroo hiriirri mormii deeggartoota demookiraasiin gaggeeffamaa ture poolisii waliinis walitti bu’aa turaniiru.

Torbee darbe keessa sababa mormiin buuffanni xiyyaaraa Hoong Koong guyyaa lamaaf hojii dhaabuun isaa kan yaadatamudha.

Chaayinaan Hoong Koongitti dhiyoo kan jirtu Sheenzhenitti humna nageenyaa cimaa ijaarteetti.

Hiriira gaggeeffamaa jiru ammoo shororkeessummaan wal qabata jettee ibsiti.

Qaamoleen hiriiricha qindeessanii fi dhaabbileen falmitoota mirga namoomaa eeyyama akka dhaban himanis poolisiin hiriirri kaleessaa Paarkii Viiktooriyaa jedhamutti akka gaggeessaniif eeyyameera jedhama.

Hiriirri mormii kun kan jalqabe galmee yakkamaa Hoong Koong keessaa Chaayinaatti dabarsanii kennuu jedhu akka ragga’uuf dhiyaate mormuuf ture.

Gama bulchitoota Hoong Koongiinis tahe Chaayinaan dhimmichi akka gaafatametti deebii gahaa hin arganne jedhu mormitootni.

Hoong  Koong  naannoo ofiin bulchitu tahuu kan barbaaddudha.

Maddi:- BBC

 

Comments
Loading...