Fana: At a Speed of Life!

Jilli MM Dr. Abiy daawwannaa misooma qonnaa Godina Arsii Aanaalee Heexosaa, Deegaluuf xiijoo fi Muuneessatti taasisaan

0 390

Finfinnee, Hagayya 12,2011 (FBC)- Jilli Muummee Ministira Dooktar Abiy Ahimad, Ministeeraa Raayyaa Ittisa Biyyaa Obbo Lammaa Magarsaa fi Itti Aanaa Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaatiin durfamu daawwannaa Misooma qonnaa Godina Arsii Aanaalee Heexosaa, Deegaluuf xiijoo fi Muuneessatti har’a geggeessaa oolan xumuran.

Jilli kun oomishaalee Qamadii,garbuufi baaqelaa kilaastaraan misooman daawwate.

Qonnaan bultoonni oyiruunsaanii daawwatame daawwannaa jila kanaan taasifametti gammadaniiru.

Godina Arsiitti Oomisha ganna baranaa lafa hektaara kuma 500 irraa callaa kuntaalli mil. 20 ol akka a datumu bulchaan godinichaa Obbo Abaadir Abdaa jila kanatti himaniiru.

Qonnaan bultoonni Godinichaa tekinooljii qonnaa fi paakeejiwwan qonnaa guututti fayyadamaa waan dhufaniif oomishni bara dhufuu akka dabalu himanii kanaafis walitti hidhamiinisi Gabaa uumamuu eeraniiru.#BDHKO

Comments
Loading...