Fana: At a Speed of Life!

Waliigalteen mootummaa cee’umsaa Sudaan hundeessuu dandeessisu mallattaa’e

0 249

Finfinnee, Hagayya 11,2011(FBC)- Waliigalteen mootummaa cee’umsaa Sudaan hundeessuu dandeessisu mallattaa’e.

Waliigalticha humnoonni mormitootaa fi hoggansi raayyaa ittisaa Sudaan olaanoon mallatteessaniiru.

Waliigaltichi mootummaa siiviilii hundeessuuf haala kan mijeessudha.

Waliigaltichi manni maree mootummaa cee’umsaa waggootii 3f qaamolee lamaanirraa walitti babba’uun biyyattii dabareen bulchu akka hundaa’u eeyyama.

6 siiviiliirraa, 5 ammoo hoggansa raayyaa ittisaarraa ta’a.

Sirna waliigaltee mallatteessuu magaalaa Kaartuumitti gaggeeffame kanarrattis Sudaan waliigalteerra akka geessu ga’ee olaanaa kan taphatan muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimadii fi dura taa’aa Koomiishinii Gamtaa Afrikaa Muusaa Fakii Mahaammat dabalatee, preezdaantiin Keeniyaa Uhuuruu Keeniyaattaa fi preezdaantiin Sudaan Kibbaa Saalvaa Kiir argamaniiru.

Comments
Loading...