Fana: At a Speed of Life!

Rakkoon nageenyaa Hawaasaa fi godina Sidaamaa aanaalee muraasatti mudate furame

0 469
Finfinnee, Hagayya 11,2011(FBC)- Rakkoon nageenyaa magaalaa Hawaasaa fi godina Sidaamaa aanaalee muraasatti mudatee ture furamuu koomaand poostiin yeroo beeksise.
 
Koomaand poostichi hojiilee hojjete har’a magaalaa Hawaasaatti gamaaggameera.
 
Sodaan nageenyaa ture furamee hawaasni sochii idileetti deebi’uun ibsameera.
 
Alaabaan seeran alaa fi taappeellaan fannifamee ture buufamee seera qabeessan bakka buufamuu koomaand poostichi beeksiseera.
 
Ijaarsi dargaggootaa sochii seera qabeessatti akka galu hojjetamaa jiraachuunis ibsameera.
 
Rakkoo nageenyaa Adoolessa 11,2011 mudatee tureen namoota to’annoo jala oolfaman 1,384 keessaa 481 hiikamaniiru.
 
Dhimmi shakkamtoota 903 ammoo seeran ilaalamaa jiraachuu koomaand poostichi beeksiseera.
 
Comments
Loading...