Fana: At a Speed of Life!

Qabxiin skoolaastiik aptiitiyuudii sirrate kaleessaa eegalee ifoomera

0 1,139

Finfinnee, Hagayya 11,2011 (FBC) – Qabxiin skoolaastiik aptiitiyuudii sirrate kaleessaa eegalee ifoomera.

Eejansiin Qormaataa fi Madaallii Biyyoolessaa qabxii qormaata skoolaastiik aptiitiyuudii komiin irratti ka’aa ture sirreessee kaleessaa eegalee ifoomsuusaa beeksiseera.

Daayreektarri eejansichaa obbo Araayaa G/igzi’aabheer akka beeksisanitti koodiin qormaatichaa 21 fi 22 rakkoo qabu ture.

Qormaaticha waliin walqabatee komiiwwan kumni 10 dhiyaataniit turan.

Yeroo ammaas koreen dhimmicha hordofu hundaa’ee hojjechaa jira.

Daayreektarichi akka ibsanitti qormaata kaan irratti rakkoon hin argamne.

Comments
Loading...