Fana: At a Speed of Life!

Obbo Ashaadlii fi obbo Tamasgeen Hidha Haaromsaa daawwatan

0 230

Finfinnee, Hagayya 11,2011 (FBC) – Preezdaantiin naannoo Beenishaanguul Guumz obbo Ashaadlii Hasanii fi gitni isaanii naannoo Amaaraa obbo Tamasgeen Xiruunah Hidha Haaromsaa Guddicha daawwatan.

Waltajjiin nageenyaa fi misoomaa naannoo Beenishaanguul Guumzii fi naannoo Amaaraa magaalaa Asoosaatti gaggeeffamaa jira.

Hoggansi naannolee lamaanii waltajjichaan dura Hidha Haaromsaa daawwataniiru.

Waltajjicharratti preezdaantota lamaan dabalatee hoggansi naannolee lamaanii hirmaachaa kan jiran yammuu ta’u, nageenya, misoomaa fi fayyadamtummaa waloorratti mari’atamaa jira.

Comments
Loading...