Fana: At a Speed of Life!

MM Dr Abiy Ahimad hoggansa mormitootaa Sudaan waliin mari’atan

0 380
Finfinnee, Hagayya 11,2011(FBC)- Muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad hoggansa mormitootaa; Humna Bilisummaa fi Jijjiirramaa Sudaan waliin mari’atan.
 
Dooktar Abiy humnichi aadaa dhiifamaa fi tokkummaa akka cimsu jajjabeessaniiru.
 
Waliigaltee bu’a qabeessi murteessaa ta’uu kaasuun, hojii guddaan ammoo waliigalticha itti fufsiisuu fi hojiirra oolchudha jedhan muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad.
 
Humnichi gama isaatin Sudaan waliigalteerra akka geessu muummee ministiraa gumaacha taasisaniif galateeffataniiru.
Comments
Loading...