Fana: At a Speed of Life!

MM Dr Abiy Ahimad badhaasa tuuriizimii addunyaatif filataman

0 355
Finfinnee, Hagayya 11,2011(FBC)- Muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad badhaasa tuuriizimii addunyaa bara Faranjootaa 2019tif filataman.
 
Fooramiin Tuuriizimii Addunyaa akka beeksisetti Dooktar Abiy Ahimad tuuriizimiin Ityoophiyaa akka jajjabaatu ga’ee olaanaa taphataniiru jedheera.
 
Badhaasichis Sadaasa keessa waltajjii magaalaa Landanitti qophaa’urratti kan laatamuuf ta’a.
 
Fooramiin Tuuriizimii Addunyaa bara Faranjootaa 2020 magaalaa Finfinneetti akka gaggeeffamu itti aanaan kantiibaa magaalaa Finfinnee Injiinar Taakkalaa Uuman Adoolessa dhuma keessa wayita preezdaantiin Fooramii Tuuriizimii Addunyaa Buulat Baags Finfinnee daawwatanitti gaafataniit turan.
Comments
Loading...